Fana: At a Speed of Life!

Jiraattonni magaalaa Aggaaroo haleellaa amantaa da’eeffachuun raawwatamuuf ture fashaleessan

Finfinnee, Caamsaa 5, 2014 (FBC) – Jiraattonni magaalaa Aggaaroo bulchiinsaa fi qaamolee seeraa magaalichaa waliin ta’uun  haleellaa amantaa da’eeffachuun raawwatamuuf ture fashaleessuu ibsameera.

Bulchaan godina Jimmaa obbo Tijjaanii Naasir qaamoleen Magaalaa Aggaaroo badiirraa ittisuun nageenya ishee eegan hundi bakkeewan biroof fakkeenya kan ta’an ta’uu fi galateeffamuu akka qaban ibsaniiru.

Kantiibaan magaalichaa obbo Naziif Mahaammad Amiin Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif akka ibsanitti, namoonni amantaa da’eeffachuun gareen gurmaa’anii badii raawwachuuf socho’aa turan qindoomina uummataa fi qaamolee nageenyaa magaalichaan gorsamuun gocha isaaniirraa akka of qusatan taasifamuu eeraniiru.

Huseen Kamaaltu gabase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.