Fana: At a Speed of Life!

Humni farraa Ityoophiyaa ta’e gonkumaa Ugaandaa keessa akka socho’u hin eeyyamamuuf-Ministeeraa Raayyaa ittisaa biyyattii

Finfinnee, Caamsaa 5, 2014 (FBC) –Humni farraa Ityoophiyaa ta’e gonkumaa Ugaandaa keessa akka socho’u hin eeyyamamuuf jechuun Ministirri Ministeera Raayyaa ittisaa biyyaa Ugaandaa Viinseent Siiseempiijaa himaniiru.

Etaamaajoor Shuumiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan Ministira Ministeera Raayyaa ittisa Biyyaa Ugaandaa Viinseent Siiseempiijaa waliin dhimmoota waqtaawaa biyyoota lamaaniirratti mari’ataniiru.

Marii isaaniin sadarkaa waliigaltee damee raayyaa ittisa biyyaa biyyoota lamaan gidduu jiruu fi yeroo ittaanuutti waliigalticha haaressuuf waliigalteerra ga’aniiru.

Hojiin waliigalticha haaressuu Ministeera Dhimmaa Alaa waliin tumsaa kan raawwatamu ta’uu qajeelfamni laatameera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.