Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad, boqochuu Preezdaantii Emireetota Araba Gamtoomaniitti gaddi itti dhaga’amuu ibsan

Finfinnee, Caamsaa 5, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad, boqochuu Preezdaantii Emireetota Araba Gamtoomaniitti gaddi itti dhaga’amuu ibsaniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ergaa gama Tiwiitara isaaniin dabarsaniin du’aan boqochuu Preezdaantii Emmireetoota Araba Gamtoomanii Sheek Kalifaa Bin Zaayid Al Nahyaan gaddi itti dhaga’amuu ibsaniiru.

Preezdaantichi dhibee irra bubbuleen yaallamaa turuun, umrii waggaa 73ffaa isaaniitti boqochuu Aljaziiraan gabaaseera.

Boqochuu isaanii hordofee biyyichatti guyyoonni gadda 40 akka labsamu Ministeerri Dhimmoota Preezdaantummaa ibseera.

Preezdaant Sheek Kalifaa Bin Zaayid Al Nahyaan  Abbaa Isaanii Sheek Zaayd Al Nahyaan bakka bu’uun bara Faranjoota 2004 gara aangootti dhufuun isaanii ni yaadatama.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.