Fana: At a Speed of Life!

Gaaffileen diinagdee fi olaantummaa seeraa akka hiikamaniif Liigiin Dargagoota Paartichaa xiyyeeffannoon hojjeta jedhame

Finfinnee, Caamsaa 5, 2014 (FBC) – Gaaffileen diinagdee fi olaantummaa seeraa akka hiikamaniif Liigiin Dargagoota Paartii Badhaadhinaa xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu liigichi beeksise.

Waltajjiin marii koree hojii raawwachiistuu liigichaa magaalaa Adaamaatti eegaluu ibsameera.

Waltajjichi ajandaalee ijoo sadiirratti xiyyeeffachuu Ittaanaan Preezdaantii liigichaa dargaggoo Akliluu Taaddasaa ibseera.

Murtoowwan yaa’ii paartichaa ilaalchisee gamaaggamni raawwii waltajjii dargaggootaa, sadarkaa sosochii soorata koo boroo koorraa fi yaa’ii 1ffaa liigii dargagootaa paartichaa dhiyeenyatti gaggeeffamuuf jedhu ajandaalee ka’umsa marichaa ta’uu kaaseera.

Murtoo fi kallattiiwwan yaa’ii paartichaan darban irratti mari’achuun barbaachisaa ta’ee argamuu fi waltajjii marii kanarratti guutuu biyyattiirraa dargaggoonni miiliyoonni 3 hirmaachuu eereera.

Gaaffileen diinagdee fi olaantummaa seeraa akka hiikamaniif Liigiin Dargagoota Paartii Badhaadhinaa xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu dargaggoo Akliluun ibsuu ragaan Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.