Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti baatii Amajjii hanga Eeblatti namoonni miiliyoona walakkaa ol ta’an sagantaa kitaaba dubbisuurratti hirmaatan

Finfinnee, Caamsaa 5, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti baatii Amajjiirraa kaasee hanga Eeblatti hawaasni miiliyoona walakkaa ol ta’an sagantaa aadaa kitaaba dubbisuurratti hirmaataniiru.

Aadaa dubbisuu dagaagsuuf baatiin seenee torban jalqabaa guyyaan 4ffaan guyyaa dubbisaa akka ta’u murtaa’uu isaatiin baatii Amajjiirraa kaasee sagantichi gaggeeffamaa tureera.

Bu’aa waliigalaa hojii kanarraa argame guyyaan dubbisaa xiyyeeffannoo hoggansaa argachuu, aadaan dubbisaa dabaluu fi amaleeffatamuu, aadaan tokkummaan dubbisuu dabaluu, Aadaan dubbisaa gabbatee qaamni hundirratti hirmaachaa jiraachuu Hooggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Usmaan eeraniiru.

Dargaggoota keessatti fedhiin dubbisaa uumamuu fi yeroo isaanii iddoo hin taanetti qisaasessuun xiqqachaa dhufuu,fedhiin bittaa kitaabilee seenaa Oromoo dabaluu Aadde Sa’aadaa Usmaan himuu ragaan waajjira preezdaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Ta’us garuu ammallee iddoowwan hundatti sagantaan kun itti fufiinsaan raawwatamuu dadhabuun akka hanqinaatti eerameera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.