Tarsiimoon gochoota malaammaltummaa hojii abbaa seerummaarratti mul’atan ittisuu dandeessisu ifoome
Finfinnee, Caamsaa 4, 2014 (FBC) – Tarsiimoon gochoota malaammaltummaa hojii abbaa seerummaarratti mul’atan ittisuu dandeessisu ifoomeera.
Faayidaa tarsiimichaa fi hojiirra oolmaasaarratti abbootii seeraa fi qaamolee dhimmamtootaa waliin mariin gaggeeffameera.
Adeemsa kenniinsa haqaa keessatti walbeekumsi, matta’aa fi hojiimaatilee badaan biroon qormaata ta’aa dhufuu Preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Ma’aazaa Ashannaafiin waltajjicharratti argamuun ibsaniiru.
Kenniinsi tajaajila abbootii seeraa gocha malaammaltummaarraa bilisa ta’uu akka qabu eeruun, abbootiin seeraa tokko tokko, muudamtoonni yaa’ii fi hojjettoonni mana murtii gocha malaammaltummaan haqni akka dabuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.