Fana: At a Speed of Life!

Taanzaaniyaatti daddabarsa namootaa seeraan alaatiin walqabatee Ityoophiyaanoota mana amalaa sirreessaa keessa jiraniif furmaata barbaaduuf waliigalteerra gaa’ame

Finfinnee, Caamsaa 4,  2014 (FBC) – Jilli garee hoggantoota poolisii Taanzaaniyaa hojiiwwan jijjiirramaa Poolisii Federaalaa daawwateera.

Hoggantoonni olaanoon kunneen marii taasisaniin, daddabarsa namootaa seeraan alaa keessayyu dargaggoonni Ityoophiyaa karaa Keeniyaa fi Taanzaaniyaa daangaa ce’uun gara Afrikaa Kibbaa wayita imalan balaawwanii fi rakkoo isaan mudatan waloon furuuf hojiiwwan hojjechuuf dandeessisaan irratti waliigalteerra ga’aniiru.

Akkasumas daddabarsa baala sammuu namaa hadoochaan waloon ittisuuf Yuunvaarsiitiin Poolisii Ityoophiyaa akkadaamii Poolisii Taanzaaniyaa waliin ijaarsa dandeettiirratti waloon hojjechuuf akkasumas muuxannoo wal jijjiiruuf waliigalaniiru.

Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Komishiinar Jeneraal Dammallash G/Mikaa’eel Ityoophiyaatti hojiiwwan poolisii Federaalaatiin raawwatamaa jiran yakka ittisuu, qorannoo fi dhaabbatichi teeknooloojiin sadarkaarra gaheerratti jilichaaf ibsa taasisaniiru.

Hogganaan jila poolisii Taanzaaniyaa Inispeektar Jeneraal Siimoon Nyookooroo Siroo daawwannaa isaaniin jijjiirramaa gama hojiin jiru dinqisiifachuun, simannaa taasifameef galateeffachuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.