Fana: At a Speed of Life!

Raayyaa Ittisaa cimaa Ityoophiyaa fakkaatuu fi madaalu ijaaraa jira – Jeneraal Getaachaw Guddinaa

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Wabii biyyaa fi Ummataa kan ta’e Raayyaa Ittisa Biyyaa cimaa Ityoophiyaa fakkaatuu fi madaalu ijaaraa jira jedhan Ajajaa olaanaan Ajaja Kaaba Lixaa Jeneraal Getaachaw Guddinaan.
Raayyaan Ittisaa Biyyaa ummatummaa isaa eegee akka itti fufu taasiisuuf Tarsiimoon ijaarsa Raayyaa Ittisaa haaraan qophaa’ee hojiin riifoormii hojjetamaa turuu ibsaniiru.
Mana hunda keenyaa kan taate Wabii biyyaa ta’ee kan eeguu, Raayyaa Ittisa Biyyaa cimaa Ityoophiyaa fakkaatuu fi madaalu ijaaraa jira jedhan Jeneraal Getaachaw Guddinaan.
Raayyichi Paartiif, sabaa fi gareef osoo hin loogiin faayidaa ummataa dursuun birmadummaa biyyaaf akka dhaabbatuu fi Heera mootummaan durfamu akka qabu hubachiisaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.