Fana: At a Speed of Life!

Galteewwan ijaarsaa oomisha biyya keessaan bakka buusuuf waliigateen mallattaa’e

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Galteewwan ijaarsaa alaa galu oomisha biyya keessaan bakka buusuuf dhaabbileen sadi waloon hojjechuu waliigateen mallatteessaniiru.

Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa, Komishiniin Invastimantii fi Ministeerri Albuudaa sanada waliigaltee kana mallatteessuu ibsameera.

Waliigaltichas Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaa Aadde Caaltuu Saanii, Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaa fi Komishinarri Komishinii Invastimantii Aadde Lalisee Nameen mallatteessaniiru jedhame.

Kaayyoon waliigaltichaas galteewwan ijaarsaa alaa galuu kan biyya keessaan bakka buusuuf waloon hojjechuuf ta’uu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.