Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Turki dhimmoota ittisa yakkaarratti waliin hojjechuuf waliigaltee waliif mallatteessan

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Turki dhimmoota ittisa yakkaarratti waliin hojjechuuf waliigaltee waliif mallatteessaniiru.

Mootummaa Ityoophiyaa fi Turki gidduutti namoota yakkaan barbaadaman dabarsanii kennuu fi dhimmoota ittisa  yakkaarratti tumsa seeraa waloo taasisuuf waliigaltee waliif mallatteessuu ibsameera.

Tumsi haqaa fi dhimmoota ittisa yakkaarratti taasifamu yakka ittisuurratti faayidaa olaanaa qabaachuu eerameera.

Ityoophiyaan biyyoota hedduu waliin dhimmoota ittisa yakkaarratti kan hojjettu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Haqaa Alam’aanta Agidaw ibsaniiru.

Waliigalteen ittisa yakkaarratti mootummaa Turki waliin taasifames hariiroo yeroo dheeraa biyyoota lameenii sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta’uu dubbataniiru.

Ittaanaan Ministira Ministeera Haqaa Turkii Yaakuup Mooguul gamasaaniin, hariiroon Ityoophiyaa fi Turkii yeroodhaa gara yerootti cimaa dhufuu kaasaniiru.

Biyyoota lameen gidduutti tumsi garaagaraa taasifamaa turuu yaadachiisuun, sanadoonni waliigaltee tumsa haqaa mallatteeffamuun hariiricha seera qabeessa kan taasisu ta’uu eeraniiru.

Yakkamtoonni seeraan barbaadamanis yeroo kamiyyuu aariitiin dabarfamanii kennamuu akka qaban ibsuu isaanii ragaan Ministeera Haqaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.