Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Bulee Horaa baraattoota haaraa kuma 3 fi 200 simate

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) –Yuunvarsiitiin Bulee Horaa baraattoota haaraa yuunivarsiitichatti ramadaman kuma 3 fi 200 simateera.
Barattoonni gara yuunvarsitichaa galanis barnoota isaanii qofa irratti xiyyeeffatanii barachuuf qophii ta’uu himnaiiru.
Preezdaantiin Barattootaa Yuuivarsiitii Bulee Horaa Barattuu Zeyinebaa Mahammadii fi Af- Yaa’iin Barattoota Yuunvarsiitii Bulee Horaa Barataa Kiruubel Hayilee yaada kennaniin, barattoota kanneen buufata konkolaataa irraa eegaluun hanga kutaa bultii isaaniitti simannaa hoo’aan taasifamuufii himaniiru.
Daayrektarri Waliigalaa Tajaajila Barattoota Yuunvirsiitii Bulee Horaa Barsiisaa Taadasaa Jiloon gama isaaniin, tajaajila barattootaaf barbaachiisan hunda guutuun hojii baruu fi barsiisuuf qophiin taasiifamuu himaniiru.
Yuunvarsiitichi sagantaalee barnootaa adda addaatiin barattota kuma 18 ol simatee barsiisaa jiraachuu Itti aanaan Preezdaantii Dhimma Bulchiinsaa fi Barattootaa Yuunvarsiitii Bulee Horaa Dooktar Roobaa Dambii himuu isaanii OBN gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.