Fana: At a Speed of Life!

Wal danda’uu fi wal kabajuun amantaalee gidduu ture cimee itti fufuu qaba – Dursaa Muftii Hajii Umar Idiriis

Finfinnee, Caamsaa 2, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa Ityoophiyaa dursaa Muftii Hajii Umar Idiriis wal danda’uu fi wal kabajuun amantaalee gidduu ture cimee itti fufuu qaba jechuun ibsaniiru.

Amantaalee hunda gidduu kan ture tokkummaa fi wal kabajuun yeroo itti aanuuttis cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Preezdaantichi erga dabarsaniin, dargaggoonni gorsa abbootii amantaa dhaga’uun badiirraa of qusachuu qabu jedhaniiru.

Dhaabbileen amantaa da’oo finxaaleeyyii ta’uu hin qaban jechuun,  mootummaan hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu raawwachuu qaba jedhaniiru.

Bakka buutoonni amantaa biroos Abbootiin amantaa amantaasaaniitiin nageenyaa fi tokkummaaf malee jibbiinsa lallabuu hin qaban jedhaniiru.

Mootummaanis qaamolee amantalee giddutti walitti bu’iinsa uumaan seeraan gaafachuu fi walitti bu’iinsi akka hin uumamneef dursee hojjechuu qaba jedhaniiru.

Yaa’iin dhaabbilee amantaa magaalaa Goondariitti haala waqtaawaarratti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Minaalee Ayyaalootu gabaase

Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.