Fana: At a Speed of Life!

Duula naannoo Somaaleetti gaggeeffameen meeshaaleen waraanaa Alshabaab awwaale hedduun to’atame

Finfinnee, Caamsaa 2, 2014 (FBC) – Duula Humni Addaa fi qaamoleen tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa waloon naannoo Somaaleetti taasiisaniin meeshaaleen waraanaa Alshabaab awwaale hedduun to’atamuu ibsameera.
Humni Addaa naannoo Somaalee fi qaamoleen tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Naannoo Somaalee Godina Afdheeraaa naannoo daangaa Somaaliyaa aanaa Baaray ganda Daawwiitti meeshaalee gareen shororkeessaa Alshabaab awwaale hedduu shakkamtoota 8 waliin to’achuu ibsameera.
Duulichaan 50 AK 47 yookaa Kilaash Kooviin, RPG 10 fi Shugguxiin 50 rasaasa hedduu waliin to’atamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannicharraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.