Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Ordiin Badrii sagantaa manneen harka qalleeyyii haaromsuu eegalchiisan

Finfinnee, Caamsaa 2, 2014 (FBC) –Preezdaantiin Naannoo Harariitti Obbo Ordiin Badrii sagantaa manneen harka qalleeyyii haaromsuu eegalchiisaniiru.

Preezdaantichi fuula miidiya hawaasa isaaniin akka ibsanitti, sagantaa manneen harka qaleeyyii haaromsuu kana Hambaa killiya addunyaa kan ta’e gamoon Jogool keessaatti jalqabsiisaniiru.

Qaamoleen garagaraa, namoonni dhuunfaa, diyaaspooraawwanii fi abbootiin qabeenyaa maallaqasaanii aarsaa gochuun tajaajila lammummaa kana akka ariifachiisan waamicha dhiyeessaniiru.

Dargaggoonni naannichaas humnaaf ogummaa qabaniin tajaajila tola ooltummaa kanarratti hirmaachuun aantummaa lammiisaaniif qaban agarsiisuu qabu jedhaniiru.

Sadarkaa biyyaatti sagantaa manneen harka qalleeyyii haaromsuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad guyyaa kaleessaa manneen harka qalleeyyii haaromsuun magaalaa Finfinneetti ifatti eegalchiisun isaanii ni yaadatama.

Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.