Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Afrikaan Kibbaa damee Saayinsii, Teeknooloojii fi Innooveeshiniirratti waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Caamsaa 2, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Afrikaan Kibbaa damee Saayinsii, Teeknooloojii fi Innooveeshiniirratti waliin

hojjechuuf dhimmoota dandeessisan irratti waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigalteen kunis hanga bara Faranjootaa 2025’tti kan turu yoo ta’uu, leenjii humna namaa, waljijjiirraa ogeessa, innooveeshinii ‘’start up’’ fi dameelee biroo saayinsii, teeknooloojii fi innooveeshiniirratti waliin hojjechuuf kan isaan dandeessisu ta’uus eerameera.

Waliigalticha Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Baay’isaa Badhaadhaa fi gama Afrikaa Kibbaatti Bakka Bu’aan Kutaa Saayinsii fi Innooveeshinii Daan Duu Tooyitoo mallatteessaniiru.

Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.