Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaatti namoonni vaayrasi koroonaan du’an kuma 1 ol ta’e

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) – Chaayinaatti namoonni vaayrasi koroonaan du’an kuma 1 ol ta’eera.

Chaayinaan anga’oota olaanoo vaayrasi koroonaa hin ittisne hojjirra kan gaggeessite yoo ta’u, dhukkubichaan namoonni kuma 1 ol du’aniiru.

Bareeessan paartii komishinii fayyaa Hubeey akkasumaas barreessaa olaanaan komishinichaa anga’oota hojiirra gaggeeffaman keessa isaa tokko.

Anga’oonni kunnen Chaayinaatti dhukkubicha waliin walqabatee hoggantoota hojiirra gaggeeffamanidha.

Hogganaa itti aanaa dhaabbata fannoo diimaa naannichaa deeggarsa dhufe haalaan waliin geesisuu dhabuu isaatiin ‘itti gaafatamumma kee qixaan hin ba’anne’ jechuun hojiirra gaggeeffameera.

Wiixata darbe bulchiinsa Hubeey qofaatti namoonni 103 yoo du’an waliigala biyyattiitti ammoo lakkoofsi namoota du’anii 1016 ga’eera.

Haata’uti, Chaayinatti dhukkubichaan namoonii haaraan qabaman hir’achaa jirachuu kan himame yoo ta’u, komishiiniin fayyaa bulchiinsa Hubeey namoonni 2097 dhukkubichaan qabamuu Wiixata darbe beeksiseera.

Akka ibsa miidiyaa biyya keessatti bulchiinsa Hubeeyii fi kanneen birootti namoonni hedduun weerara vaayrasichaa waliin kan argaman hojii isaanirra kan gaggeeffaman akkasumaas, qorannoon irratti gaggeeffamaa kan jiruu fi doorsiifni irra ga’aa jiraachu ibseera.

Dooktar vaayrasicha dursee adda baasuun akeekkachise du’uun walqabatee mormii guddaa kaase akka ture ni yaadatama.

Yeroo ammaa kana Chaayinatti namoonni 42,200 dhukkubichaan qabamuu kan beekkame yoo ta’u, kanaan dura ka’ee kan ture weerara Saarsitti aanuun miidhaa fayyaa olaanaa ta’uun ibsameera.

Komishinni fayyaa Hubeey akka ibsanitti bulchiinsa Hubeey qofaatti namoonni kumni  31,728 dhukkubichaa qabamuun kan galmaa’an yoo ta’u, kanneen keessaa namoonni 974 du’uu ibsaniiru.

Duuti baayyeen bulchiinsa Hubeey magaalaa Wuhaan keessatti kan uumamee yoo ta’u, magaalli jiraattota miiliyoona 11 qabdu kun sochiin ishee dangeeffamte argamti.

Chaayinaadhaan alatti Yunaayitid Kiingdamitti namoonni saddeet vaayrasichaan qabamuun kan mirka’ee yoo ta’u mootummaanis soda fayyaa ilaalchisuun akeekkachiisa lammii isaaf dabarseera.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.