Godina Harargee Lixaatti hojjettoota kenna tajaajilaarratti danqaa ta’an 1094 irratti tarkaanfiin fudhatame
Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) –Godina Harargee Lixaatti hojjattoota mootummaa kenna tajaajilaa irratti danqaa ta’an kuma 1 fi 94 oliirratti tarkaanfiin fudhatamuu Waajjirri Pablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Godinichaa beeksise.
Bu’uuruma kanaan sadarkaa Godinaa fi Aanaatti rakkooleen kenna tajaajilaa fi bulchiinsa gaarii dhimmoota kuma 3 fi 180 adda ba’an keessaa kumni 2 fi 411 furmaata argachuu Itti Gaafatamtuun Waajjira Paablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Godina Harargee Lixaa Aadde Waaziira Jamaal himaniiru.
Tarkaanfiin kunis gabaasa taaksifoorsii kenna tajaajilaa ji’oottan Sadeen darbranii dhiyaateen, dhaabbilee mootummaa sadarkaa Godina hanga Aanaatti jiran keessatti hojjattoota kenna tajaajilaa hawaasaaf kennaan keessatti tajaajila kennuu qaban osoo hin kenniin hafan irratti akka ta’e dubbataniiru.
Hojjettoota 355’f ofeeggannoon barreeffamaa, hojjettoota 510’f akeekachiifni afaanii ,hojjattoota 152 adabbiin mindaa kutuu,namoonni 32 iddoo irraa kaafamuu,namoonni 37 hojiirraa gaggeeffamu himaniiru.
Dabalataanis namoonni 5 to’annoo seeraa jala ooluun adabbiin mana murtii waggaa tokkoo hanga waggaa torbaatti itti murtaa’uu Aadde Waaziiraan dubbachuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Harargee Lixaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.