Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti sagantaa gaggeessitoota gahoomsuu manneen barnootaa 8 irratti jalqabe manneen barnootaa 192tti babal’ate

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti sagantaan gaggeessitoota gahoomsuu manneen barnootaa 8 irratti jalqabe manneen barnootaa 192tti babal’achuun himameera.

Sagantachi bara darbe manneen barnootaa godina Jimmaa 8 irratti kan jalqabe yoo ta’u, yeroo ammaa manneen barnootaa godinaalee Oromiyaa 192 keessatti babal’achuu ibsameera.

Kanumarraa ka’uunis, gaggeessitoonni Waajjira barnootaa fi dura bu’oonni manneen barnootaa Harargee Lixaa, godina Jimmaatti argamuun muuxannoo qooddataniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira barnootaa godina Jimmaa Obbo Eliyaas Mohammad, hojii gaggeessitoota barnootaa gahoomsuu, adeemsa baruu fi barsiisuu keessatti jijjiirama qabatamaa fidaa jiraachuu isaa dubbataniiru.

Itti aantuun Biiroo Barnoota Oromiyaa aadde Magartuu Mohammad gama isaaniitiin, godinni Harargee Lixaa fi godinni Jimmaa ijaarsa manneen barnootaa Bu’ura Boruutiin sadarkaa tokkoofaafi lammaffaa ba’uusaanii eeraniiru.

Kana keessatti gaheen gaggeessitootaa olaanaa akka ta’e eeruudhaan, sagantaan muuxannoo wal jijjiiraa harraas kana itti fufsiisuuf gargaara jedhaniiru.

Muktar Xahaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.