Fana: At a Speed of Life!

Hojiin ijaarsa siyaas-diinagdee biyya keenyaa sirna kominikeeshinii sirriin deeggaramu qaba-Preezdaant Shimalliis

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Hojiin ijaarsa siyaas-diinagdee biyya keenyaa sirna kominikeeshinii sirriin deeggaramuu qaba jechuun Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsaniiru.

Leenjiin hoggantootaa fi hojjettoota Kominikeeshinii godinaalee fi aanaaleef dhimmoota garaagaraarratti torban tokkoof kennamaa ture xumurame.

Preezdaant Shimallis Abdiisaa fi Itti Gaafataman Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan xumura leenjii kanaarratti argamuun kallattii hojii kaa’aniiru.

Obbo Shimallis xumura leenjichaarratti haasaa taasisaniin, waggoottan arfan darban Mootummaan Naannoo keenyaa injifannoowwaan siyaasaa fi diinagdee kanaan dura argame hin beekne fideera jedhan.

Kanaan booda hojiin ijaarsa siyaas-diinagdee biyya keenyaa sirna kominikeeshinii sirriin deeggaramuu akka qabu preezdaantichi dhaamuu ragaan waajjira preezdaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Itti Gaafatamaan Waajjira paartii Badhaadhinaa Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaas gama isaaniin, Oromoon qabsoo waaggoota dheeraa booda innjifannoo har’a argate kana kunuunfachuun, sirna yeroofi haala dhufu duukaa hin jijjiiramne ijaarrachaa akka jiru kaasaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.