Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Jigjigaatti agarsiisni suuraa “Waa’ee Ityoophiyaa” jedhu baname

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Agarsiisni suuraa “Waa’ee Ityoophiyaa”qabsoo Ityoophiyaanonni biyya isaanii baraaruu fi duula olaantummaa seeraa kabachiisuurratti taasisan mul’isu  magaalaa Jigjigaatti banameera.

Agarsiisicha Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoon eebbisuun bananiiru.

Agarsiisicha kan qopheesse Dhaabbata Preesii Ityoophiyaa yoo ta’u, guyyoota muraasaaf banaa ta’ee kan turuu fi yeroo itti aanutti magaalota naannoleetti kan dhiyaatu ta’uu ibsameera.

Agarsiisa suuraatti aansuun mata duree “Ityoophiyaan injifachaa ni ceeti” jedhuun mariin paanaalii ni gaggeeffamaan kan eegamu ta’uu ibsameera.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.