Fana: At a Speed of Life!

Fuuloonni miidiyaa hawaasaa walitti bu’iinsii fi jibbiinsi akka uumamuuf hojjetan biyyattiif gufuuwwaniidha-MM Miidiyaalee

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Fuuloonni miidiyaa hawaasaa walitti bu’iinsii fi jibbiinsi akka uumamuuf hojjetan biyyattiif gufuuwwaniidha jechuun Manni Maree Miidiyaalee ibseera.

Guyyaan walabummaa Preesii addunyaa yeroo 31ffaf mata dure ‘Gaazexeessummaa addunyaa diijitaalaa keessatti’ jedhuun kabajamaa jira.

Walitti qaban Mana Maree Miidiyaalee obbo Amaaree Aragaawii, biyyattitti nageenyi, jalaallii fi tokkummaan akka bu’uuf fuuloonni miidiyaa hawaasaa qajeelfama namuusaa gaazexeessummaa  bu’ureeffachuun hojiisaanii raawwachuu qabu jedhaniiru.

Fuuloonni miidiyaa hawaasaa walitti bu’iinsii fi jibbiinsi akka uumamuuf hojjetan biyyattiif gufuuwwan waan ta’aniif gochicharra akka of qusatan gaafataniiru.

Taarikuu Laggaseetu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.