Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa dameewwan garaagaraarratti hirmaatan Gaalaarii albuuda Ityoophiyaa daawwatan

Finfinnee, Eebila 30, 2014 (FBC) – Abbootiin qabeenyaa dameewwan garaagaraarratti hirmaatan Gaalaarii albuuda Ityoophiyaa daawwataniiru.

Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaan fuula miidiya hawaasa isaaniin akka ibsanitti, Gaalaariin Albuuda kun odeeffannoo qabeenya albuudaa Ityoophiyaa teeknooloojiin kan qabate, qorannoof kan mijatuu fi dhaabbilee biyya keessaa fi alaa damee Albuudaarratti hirmaachuu barbaadaniif galtee olaanaa ta’uu ni danda’a jedhaniiru.

Abbootiin qabeenyaa kanneenis, Gaalaarii Albuudaa ijaarsarra jiru kanaafi hojiilee jijjiramaa ministeerichaan hojjetamaa jiran kanneen biroo daawwataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.