Fana: At a Speed of Life!

Biiraan Daashiin proojektii babaldhinaa Birrii biiliyoona 1.7 ijaarsisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Eebila 30, 2014 (FBC) – Biiraan Daashiin proojektii babaldhinaa Birrii biiliyoona 1.7 ijaarsisaa ture eebbisiiseera.

Sirna eebba proojektichaarrattis Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokkonniinii fi Ministirri Ministeera Indaastirii obbo Malaakuu Allabaal aragamaniiru.

Sirna eebbichaarratti haasaa kan taasisaan obbo Dammaqaan, proojektichi dandeetti teeknooloojii Warshichaa guddisuun humna dabalataa akka ta’u ni eegna jedhaniiru.

Biyyattiitti rakkoo nageenyaa jiru furuun misoomni galma akka gahuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhan obbo Dammaqaan.

Kanaaf ammoo hawaasni abbaa nagaa waan ta’eef iddoowwan hundatti olaantummaa seeraa kabachiisuun karoora misooma biyyatti galmaan ga’uuf waloon ni hojjenna jedhaniiru.

Ministirri Ministeera Indaastirii obbo Malaakuu Allabaal gama isaaniin, ijaarsi proojektichaa qonnaan bultoonni naannichaa oomishasaanii gabaaf dhiyeessuuf carraa guddaa qaba jedhaniiru.

Mootummaan carraa hojii uumuuf dursa laatee hojjetaa waan jiruuf babaldhinni proojetichaas shooraa olaanaa qaba jedhaniiru.

Yismaaw Adaraawtu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.