Fana: At a Speed of Life!

Sosochiin Ispoortii kutaalee hawaasa garaagaraa hirmaachise Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffame

Finfinnee, Eebila 30, 2014 (FBC) – “Finfinneen Magaalaa Nageenyaa fi waliin jireenyaati” dhaadannoo jedhuun sosochiin Ispoortii kutaalee hawaasa garaagaraa hirmaachise Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffameera.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee saganticharratti argamuun sosochii qaama hawaasa hirmaachise kana irratti hirmaataniiru.

Saganticha Bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Biiroo dargaggootaa fi Ispoortii magaalichaatu waloon qopheesse jedhame.

Jiraattoonni magaalaa Finfinnee jaalalaa fi tokkummaaf malee jibbaaf iddoo hin qaban jedhan Aadde Adaanach.

Magaalaan Finfinnee magaalaa miidhagduu Jaalalaa fi tokkummaa ta’uu ishee eeraniiru.

Jiraattoonni magaalichaa tumsa hawaasummaa, Diinagdee fi siyaasaan qaban cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.