Fana: At a Speed of Life!

Yaaliiwwan haleellaa saayibarii Ityoophiyaarratti aggaamaman keessaa %97.7 fashalaa’uu ibsame

Finfinnee, Eebila 29, 2014 (FBC) – Baatiiwwan 9 darbanitti yaaliiwwan haleellaa saayibarii Ityoophiyaarratti aggaamaman kuma 5 fi 856 keessaa %97.7 fashalaa’uu Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo beeksise.

 Baatiiwwan 9 darbanitti haleellaawwan saayibarii miidhaa guddaa qaqqabsiisuu danda’an kumni 5 fi 856 Ityoophiyaarratti aggaamamuu fi kanneen keessaa %97.7 fashaleessuun danda’amuu Ittaanaan Daayrektara Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo obbo Salamoon Sookaa ibsaniiru.

Obbo Salamoon kana kan ibsan raawwii karooraa bara 2014 bulchiinsichaa wayita Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaa fi Nageenyaaf dhiyeessanittidha.

Haleellaan saaybarii baatiiwwan 9 darban Ityoophiyaarratti aggaamaman kan bara 2013 yeroo walfakkaataan yeroo madaalamu dacha afur (%400) dabaluu kaasaniiru.

Haleellaawwan marsiritiiwwanii, Malweerii, tajaajila bu’uuraalee misoomaa addaan kutuu fi gama oonlaayinii waliin dhahuu warreen baayyinaan aggamaman ta’uu eeraniiru.

Haleellaawwan kunneen bu’uuraalee misoomaa murteessoo biyyaarratti xiyyeeffachuun kan aggaamaman ta’uu ragaan bulchiinsicharraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.