Fana: At a Speed of Life!

Baatii Caamsaa keessa kutaalee biyyattii garaagaraatti  roobni salphaa hanga cimaan kan jiraatu ta’uu ibsame

Finfinnee, Eebila 28, 2014 (FBC) – Baatii Caamsaa keessa Ityoophiyaa  kutaalee garaagaraatti  roobni salphaa hanga cimaan kan jiraatu ta’uu Inistiitiyuutiin Raaga haala Qilleensaa Ityoophiyaa beeksiseera.

Naannoo Oromiyaa godinaalee Harargee lamaan irraa kan hafe, Beenishaangul Gumuz, Gaambeellaa, Kibba Lixa Ityoophiyaa, Uummattoota Kibbaa, Sidaamaa, naannoo Amaaraa godinaalee Awwii, Goojjaam Bahaa fi Lixaatti roobni idilee kan eegamu ta’uu inistiityuutichi raageera.

kutaalee muraasa naannolee Uummattoota Kibbaa, Kibba Lixa Ityoophiyaa fi Gaambeellaatti roobni cimaan lolaa tasaa qaqqabsiisu jiraachuu kan malu ta’uu fi midhaan akka hin miidhamneef of eeggannoo barbaachisaan taasifamuu akka qabu yaadachiiseera.

Godinaalee Harargee Bahaa, Baalee Bahaa, naannoo Somaaleetti godinaalee Daawaa, Liiban fi Afdeeraatti, godinaalee Goondar hundatti, Godinaalee Walloo Kaabaa fi Kibbaatti, Shawaa Kaabaa fi naannoo Afaaritti roobni salphaan kan jiraatu ta’uu ibseera.

kutaaleen biyyattii hafan caama ta’uu eerameera.

Hangi roobaa salphaa fi cimaan eegamu kun fedhii bishaanii midhaaniif carraa gaarii kan uumu ta’uu ibsameera.

Rooba kana faayidaarra oolchuu fi dhiibbaa inni dhaqqabsiisu danda’u ittisuuf ammumarraa qophii taasisuun barbaachisaa ta’uu inistiitiyuutichi ibseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.