Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti waggoota arfan darbanitti abbootiin qabeenyaa kumni 11 ol eeyyama invastimantii fudhachuun hojiitti bobba’an

Finfinnee, Eebila 28, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti waggoota arfan darbanitti abbootiin qabeenyaa kumni 11 ol eeyyama invastimantii fudhachuun gara hojiitti bobba’uu Biiroon Invastimantii fi Indaastirii Naannichaa beeksiseera.

Naannichatti yeroo ammaa kana waliigalaan abbootiin qabeenyaa kumni 20 ol dameewwan garaagaraarratti invastimantii taasisuun hojjechaa jiraachuu biirichi ibseera.

Naannoo Oromiyaatti waltajjiin sochii damee oomishaa indastiriirratti xiyyeeffatee gaggeeffameera.

Hogganaan Biiroon Invastimantii fi Indaastirii Dooktar Tashoomaa Addunyaa haasaa taasisaniin, erga jijjiirramni akka biyyaatti dhufee booda Oromiyaatti ga’umsi invastimantii sadarkaa olaanaan dabaluu ibsaniiru.

Waggootan arfan darbanitti abbootiin qabeenyaa kumni 11 ol eeyyama invastimantii fudhachuun gara hojiitti galaniiru.

Keessayyu abbootii qabeenya damee qonnaarratti bobba’an kan jajjabeeffamaan ta’u ibsameera.

Biirichi abbootii qabeenyaa lafa fudhatanii gara hojiitti hin gallee ammoo waliigaltee addaan kutaa jiraachuu ibsameera.

Akkasumas biirichi abbootii qabeenyaa 231 hojii invastimantiirratti bobba’uuf eeyyamaa fudhachuun gara hojiitti hin gallees waliigalteesaanii addaan kuteera.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.