Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalichi guyyaa kaleessaa yaallamaa xumuraa gaggeessuun yeroo jalqabaaf yaallamtoota COVID-19 malee buluu ibsame

Finfinnee, Eebila 28, 2014 (FBC) – Hospitaalli Eekkaa Kotobeen guyyaa kaleessaa yaallamaa xumuraa gaggeessuun yeroo jalqabaaf yaallamtoota vaayrasii Koroonaa malee buluu ibsameera.

Hospitaalichi waggoottan lamaan darbaniif giddugala yaala vaayrasii koroonaa ta’ee tajaajilaa turuun isaa kan yaadatamudha.

Hospitaalichi guyyaa kaleessaa yaallamaa xumuraa nagaan gara mana isaatti gaggeessuu beeksiseera.

Waggoottan lamaan keessatti hospitaalichi yeroo jalqabaaf yaallamtoota vaayrasii koroonaa malee buluus ibseera.

Ityoophiyaatti Kana booda weerarri vaayrasii koroonaa haala biyya miidhuu danda’uun akka hin kaaneef hundi ga’eesaa ba’achuu akka qabu hojii gaggeessaan hospitaalichaa Dooktar Yaareed Aggidaw yaadachiisaniiru.

Guyyaa kaleessaa qorannoo vaayrasii koroonaa sadarkaa biyyaalessaatti namoota kuma 3 fi 579 irratti gaggeeffame keessaa namoonni 39 vaayrasichaan qabamaniiru.

Guyyichatti lubbuun namaa vaayrisichaan darbee kan hin jirre ta’uu barameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.