Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Qorannoo Dippiloomaasii Bishaaniirratti hojjechuun faayidaa Ityoophiyaa kabachiisuu qabu – Ministeera Bishaanii fi Inarjii

Finfinnee, Eebila 28, 2014 (FBC) – Dhaabbileen Qorannoo Dippiloomaasii Bishaaniirratti xiyyeeffannoon hojjechuun faayidaa Ityoophiyaa kabachiisuuf ga’ee isaanii ba’uu akka qaban Ministeerri Bishaanii fi Inarjii beeksiise.
Ministeerri Bishaanii fi Inarjii Dippiloomaasii Bishaanii fi Fooramii Dhimmoota Kominikeeshinii gorsitootaa gaggeessaa jira.
Fooramicharratti Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaa dabalatee miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa, bakka buutoonni Yuunvarsiitiwwanii,Ogeeyyiin Marii Hidha Haaromsaa, fi qaamoleen dhimmi ilaallatu biroon hirmaachaa jiru jedhame.
Marichaaf barreeffamni ka’umsaa ni dhiyaataan kan eegamu yoo ta’uu, fooramichi yeroo itti aanus cimee kan itti fufu ta’uu ibsameera.
Ityoophiyaan ijaarsa Hidha Haaromsaan hojii boonsaa hojjechaa jiraachuu Dooktar Injiinar Haabtaamuun himaniiru.
Milkaa’ina ijaarsa Hidha Haaromsaaf qaamolee hirmaannaa taasisan hunda galateeffataniiru.
Qaamolee Ityoophiyaa fi ummata isheerra dhibbaa qaqqabsiisuuf shira xaxan hojiin fashaleessuu cimee akka itti fufu waamicha dhiyeessaniiru.
Kaayyoon fooramichaa ‘maal yoo goone faayidaa Ityoophiyaa kabachiifna’ dhimma jedhurratti marii taasiisuuf ta’uu himaniiru.
Dhaabbileen qorannoo Dippiloomaasii, Misooma Bishaanii fi damee miidiyaarratti xiyyeeffannoo laachuun faayidaa Ityoophiyaa kabachisuuf hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.