Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin murteessummaa Ityoophiyaa 4 gulaallii Waancaa Afrikaa akka taphachiisan filataman

Finfinnee, Eebila 27, 2014 (FBC) – Abbootiin murteessummaa Ityoophiyaa 4 gulaallii Waancaa Afrikaa Maappuutootti Moozaambikii fi Ruwaandaa gidduutti taphatamu akka taphachiisan filatamaniiru.

Waancaa Afrikaa 2023 qopheessummaa Ayivoorii koostiin gaggeeffamuuf baatii tokkoon dura rammaddiin biyyootaa ifoomuun kan yaadatamuudha.

Haaluma kanaan tapha Caamsaa 26 Moozaambikii fi Ruwaandaa gidduutti taphatamu Abbootiin murteessummaa Ityoophiyaa 4 taphicha akka dursaniif filatamaniiru.

Abbaan murteessummaa idil addunyaa Ba’amlaak Tasammaan taphachiisaa gidduu, Tamageen Saamu’eelii fi Faasikaa Yewaahaalaasheet gargaartoota yoo ta’an, Teedirroos Mitikkuu abbaa murteessummaa 4ffaa ta’uun taphicha ni dursu jedhame.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.