Fana: At a Speed of Life!

Namoonni karaa seeraan alaa daa’imman daddabarsaa turan to’ataman

Finfinnee, Eebila 27, 2014 (FBC) –Namoonni Walaayittaa Sooddoo ka’uun karaa seeraan alaa daa’imman 19 gara Finfinneetti daddabarsaa turan 6 to’atamuu Qajeelchi Poolisii Godina Silxee beeksise.

Dubartoonni 6 da’aamman umriin isaanii waggaa 5 -10 ta’an 19 madaabaraan maruun dhoksaan dabarsuuf wayita yaalan to’atamuu Ajajaan Qajeelcha Poolisii Godina Silxee Inspeektar Shamsuu Hiikmaa ibsaniiru.

Daa’immaan kunnee wayita magaalaa Waraabee ga’an iyya dhageessisanii fi eeruu hawaasaa bu’uura taasisuun namoonni kunneen to’atamuu eeraniiru.

Dubartoonni daddabarsa kana keessatti hirmaatan akka himanitti ganama har’aa daa’immaan konkolaataa tokko guutuun karaa seeraan alaa magaalaa Finfinneetti geeffamuu ragaan kominikeeshinii godina Silxeerraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.