Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaan hariiroo diinagdee Ityoophiyaa waliin qabdu cimee akka itti fufuuf ni hojjetti- Preezdaant Uhuuruu Keeniyaataa

Finfinnee, Eebila 27, 2014 (FBC) – Keeniyaan hariiroo diinagdee Ityoophiyaa waliin qabdu cimee akka itti fufuuf kan hojjettu ta’uu Preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan ibsan.

Preezdaantichi keeniyaatti Ambaasaaddara Ityoophiyaa Mallas Alamiin waajjira isaaniitti simachuun waliin mari’ataniiru.

Hariiroon biyyoota lameenii damee dippiloomaasii keessumaa gama walitti hidhamiinsa diinagdee, Proojektiiwwan naannawaa fi hariiroo uummataan daran cimuu preezdaant Uhuuruun ibsaniiru.

Biyyoota lameen gidduutti tumsi dameelee diinagdeen, walitti hidhamiinsa bu’uuraalee misoomaa, daldalaan fi invastimantiin eegalame cimee kan itti fufu ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Imbaasii Ityoophiyaa Keeniyaatti argamurra argame ni mul’isa.

Keeniyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Mallas Alam gamasaaniin, gama hariiroo biyyoota lameenii guddisuun shoorri preezdaant Uhuuruu olaanaa ta’uu kaasuun mirgi Ityoophiyaanota Keeniyaa jiraatan eegamee akka jiraataniif ga’ee bulchiinsi isaanii taasiseef galateeffataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.