Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan ittisaa miilla isaa lamaan akka dhaabbatuuf ogeeyyiin fayyaa ga’ee olaanaa ba’ataniiru-Jeneraal Abbabaaw Taaddasaa

Finfinnee, Eebila 27, 2014 (FBC) – Raayyaan ittisaa miilla isaa lamaan akka dhaabbatuuf ogeeyyiin fayyaa ga’ee olaanaa ba’achuu Ittaanaan Itaamaajor Shuumii Waliigalaa Humna Waraanaa Jeneraal Abbabaaw Taaddasaa ibsan.

Ogeeyyii fi dhaabbilee fayyaa duula seera kabachiisuu fi tokkummaa sabdaneessummaa irratti ga’ee olaanaa ba’ataniif magaalaa Baahirdaaritti sagantaan beekamtii kennuu gaggeeffameera.

Miidhaa yeroo duulichaa ture ogeeyyii fayyaa caalaatti kan hubatu kan hin jirre ta’uu Jeneraal Abbabaaw saganticharratti ibsaniiru.

Ogeeyyiin fayyaa miseensota raayyaa ittisa biyyaa waraanaan miidhaman wal’aanuu fi tajaajiluun itti gaafatamummaa ogummaa fi biyyaa ba’achuu eeraniiru.

Ogeeyyiin kunneen lubbuu isaanii osoo hin qusatiin ogummaa isaaniif amanamuun ga’ee ba’ataniif raayyaan ittisa biyyaa dinqisiifannaa fi kabaja guddaa kan qabuuf ta’uu kaasaniiru.

Ga’umsa raayyaan ittisaa yeroo ammaa irra jiruuf ogeeyyiin fayyaa shoora olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Sirna beekamtii kennuu kanarratti preezdaantii mootummaa naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannichaa argamaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.