Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi qindeessitoota buufataalee kenniisa tajaajilaa giddugala tokkoo waliin waltajjii marii gaggeessaa jira

Finfinnee, Eebila 27, 2014 (FBC) – Ministeerri Hojii fi Ogummaa qindeessitoota buufataalee kenniisa tajaajilaa giddugala tokkoo waliin waltajjii marii biyyaalessaa gaggeessaa jira.

Waltajjicharratti Ministira Ministeera Hojii fi Ogummaa aadde Muufariyaat Kamiil dabalatee hoggantoonni olaanoon federaalaa fi naannolee argamaniiru.

Waltajjichi guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’u, hojiilee ijoo buufataalee kenniinsa tajaajilaa giddugala tokkoo fi hojiimaatilee haaraa hojiirra ooluu qaban irratti kan mari’atamu ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaa biyya bilisummaa diinagdee qabdu taasisuuf hojjechuu qabna jedhan Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa aadde Muufariyaat Kamiil.

Boqonnaa itti aanuuf qophii addaa taasisuu kan barbaachisu ta’uu eeruun, dandeettii dargaggoota bira jirutti fayyadamuu fi ilaalchi kalaqa hojii akka aadeffatamuuf hojjetamuu akka ibsaniiru.

Ministeerichi hojiileen kalaqaa garaagaraa teeknooloojiin akka deeggaramaniif hojiimaata diriirsuu kaasaniiru.

Zabiib Taklaayitu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.