Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Makonnin guyyaa goototaa ilaalchisee ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Eebila 27, 2014 (FBC) – Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin guyyaa goototaa ilaalchisee ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Guyyaan goototaa xiyyeeffannoo addaan kan kabajamu goototni darban tokkummmaa fi kabaja birmadummaa biyyaaf gatii kaffalan dhaloota ammaaf fakkeenya akka ta’uu fi miira injifachuu  akka dhaalaniif ta’uu ibsaniiru.

Akkuma seenaan ibsu gootonni haleellaawwan biyyarratti aggaamaman qolachuunii fi diinaratti tarkaanfii keessa debii hin qabne fudhachuun injifannoowwan boonsaa galmeessisuun biyya birmadummaan ishee eegame dhalootatti dabarsuu  kaasaniiru.

Goototni darban Ityoophiyaa weerartoota irraa eeguuf wareegama guddaa kaffaluunii fi injifannoo boonsaa galmeessisuun dhalootaa dhalootatti daandii injifachuu dhaalchisuu eeraniiru.

Bara kana guyyaan goototaa yeroo 81ffaaf haala boonsaa ta’een yaadannuu haala Ityoophiyaan yeroo ammaa keessa jirtu hordofee dhalootaaf hiikkaa addaa kan qabudha jedhaniiru.

Karoorawwan misoomaa dhiibbaawwan hawaasummaa fi diinagdee lammiileerratti aggaamaman hir’isuuf karoorfaman mirkaneessuuf guyyaan goototaa kutannoon hojjechuuf fakkeenya kan ta’u ta’uu addeessaniiru.

Rakkoolee akka biyyaatti mudatan obsaan keessa darbuuf, biyya birmaduu, nagaa fi badhaatuu dhaloota egeree dhaalchisuuf dangaa hanga daangaatti tokkummaa cimsuu fi eeguun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.