Fana: At a Speed of Life!

Jaarmiyaaleen dargaggoota Oromiyaa horsiisee bultoota hongeedhaan miidhamaniif sanyii filatamaa kuntaala kuma 3 fi 442 deeggarsa taasisan

Finfinnee, Eebila  26, 2014 (FBC) – Jaarmiyaaleen dargaggoota Oromiyaa horsiisee bultoota hongeedhaan miidhamaniif sanyii filatamaa kuntaala kuma 3 fi 442 deeggarsa taasisaaniiru.

Horsiisee bultoota sababa dheerina hongeetiin miidhaman qonna Arfaasaa akka gaggeessaniif lafa qonnaa tiraakteeraan qopheessuufii, xaa’oo fi sanyii filatamaa dhiheessuufiin deeggarsa taasisuun cimee kan itti fufu ta’uu itti aanaan Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu ibsaniiru.

Dargaggoonni kunneen waan qabanirraa sanyii filatamaa kuntaala kuma 3 fi 442 geejjibsiisuu dabalatee Birrii miliyoona 17 fi kuma dhibba 2 fi kuma 16 fi 200 bituun guyyaa har’aa Godina Arsii Aanaa Dodolaa Giddu-gala sanyiin itti qulqullaa’utti bakka Obbo Geetuu Gammachuu fi itti gaafatamaan Liigii Dargaggoota Oromiyaa Obbo Adinaan Hajii argamanitti Godinaaleef kennuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.