Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan yaa’ii Albuudaa Idil addunyaa Afrikaa Kibbaarratti qabeenya Albuudaa ishee beeksisuuf qophii xumurte

Finfinnee, Eebila 26, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan Yaa’ii Albuudaa Idil addunyaa Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamurratti qabeenya Albuudaa ishee bal’inaan beeksisuuf qophiin xumuramu Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaan himaniiru.
Yaa’ii Albuudaa Idil addunyaa Afrikaa Kibbaatti guyyoota muraasan booda gaggeeffamurratti Ityoophiyaan qabeenya Albuuda ishee bal’inaan beeksisuuf qophiin xumuramuu Injiinar Taakkalaan ibsaniiru.
Yaa’ichi Kaappitaalaayizeeshinii Albuuda Afrikaa fi Misooma Albuudarratti kan xiyyeeffate Konfireensii Albuudaa guddaa sadarkaa addunyaa ta’uu eeraniiru.
Yaa’ichi Indaastirii Albuudaaf faayidaa guddaa qabaachuu eeraniiru.
Yaa’ichaan marii fi waliigalteen murteessaa ta’e kan raawwatamu ta’uu Injiinar Taakkalaan ibsaniiru.
Injiinar Taakkalaan har’a Ambaasaaddara Awustiraaliyaa Juuliiyaa Neebleet waliin yaa’icha cinaatti waltajjii hariiroo dhaabbilee Albuudaa biyyoota lamaanii qopheessuuf walii galuu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.