Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti rakkoon nageenyaa ture furamuun ummanni sochii idileetti deebi’uu ibsame

Finfinnee, Eebila 26, 2014 (FBC) – Sochii hawaas- diinagdee uummata godinichaa mirkaneessuuf hojilee hojjetamaniin uummanni sochii idileetti deebi’uu Godinni Shawaa Kaabaa beeksise.
Aanaaleenii fi gandoonni godichaa muraasni dhiibbaa Shaneetiin miidhamaa turuu kan beeksisee godinichi lammileen hedduun qa’eerra buqqa’uu,qabeenyi samamuu fi sodaan nageenyaa turee eereera.
Hojii hawaasa hirmaachisuun oppireeshinii qaamolee nageenyaa qindaa’aniin gaggeeffameen garuu gareewwan kunneen dadhabsuun hawaasni sodaa nageenyaa keessa akka bahuu taasifameera jedhame.
Oppireeshinii gaggeeffame kanaanis qabeenyi saamamee deebi’uu,miseensonni garee shororkeessaa Shanee kaan haleellamuu fi kaan immoo booji’amuu ibsameera.
Lammileen sababa rakkoo nageenyaa qa’eerraa buqqa’anis qa’eetti deebi’uun himameera.
Caasaaleen mootummaa sababuma nageenyaan danqamanii turanis hojii jalqabaa jiraachuu himameera.
Hojii qaala’insa gabaa sirreessuuf hojjetameen abbootii qabeenyaa fi daldaltoota seeraan ala gatii dabalanii irratti tarkaanfiin fudhatameeras jedhame.
Yidnaqaachoo H/Maariyaamtu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.