Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa gara nageenya waaraatti fiduun hirmaannaa lammiilee hundaati-TKM

Finfinnee, Eebila 25, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa gara nageenya waaraatti fiduun hirmaannaa lammiilee hundaa ta’uu Tataajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Ityoophiyaan torban darbe ayyaanotaa fi taateewwan amantaalee fi aadaa hedduu keessummeessuu tajaajilichi yaadachiiseera.

Gocha badii magaalaa Goondaritti uumame hordofee yakkoota naamuusa Ityoophiyaan ala bakkeewwan tokko tokkotti raawwataman irraan kan hafe  ayyaanonni kunneen guutuu biyyattiitti haala ho’aa ta’een kabajamuu tajaajilichi ibseera.

Ayyaanonni kunneen Ityoophiyaanonni duudhaa waloo yeroo rakkoo daran cimu qabaachuu kan itti mul’isanii fi maqaa gaarii biyyattii itti guddisuu danda’an ta’uu eereera.

Yakkamtoonni ayyaanonni kunneen  badii akka keessummeessan, hariiroo cimaan Ityoophiyaanota gidduu jiru akka cituu fi  badii hedduu qaqqabsiisuuf karoorfatanii turuu ibseera.

Ityoophiyaanota Karoora yakkamtoota kanneenii fashaleessanii fi qaamolee nageenyaa itti gaafatamummaa uummanni itti laate qindoominaan hanga wareegama lubbuu kaffaluun ba’atan  galateeffateera.

Hokkoraa fi yakkoota tibbana amantaa dahoo godhachuun bakkeewwan garaagaraatti raawwatan irratti hirmaachuun namoonni shakkaman poolisii federaalaa,qaamolee nageenyaa  naannoo fi  bulchiinsa magaalaan to’annaa jala oolaa jiraachuu eereera.

Shakkamtoonni murtoo seeraa akka argatan kan taasifamu ta’uu kaafameera.

Qaamolee nagaan jiraachuu lammiileerratti yaaddoo uumanii fi  birmadummaa biyyaarratti balaa aggaaman irratti mootummaan tarkaanfii fudhachuu eegale cimee kan itti fufu ta’uu yaadachiiseera.

Uummanni yakkamtoota dabarsee kennuunii fi qaamolee nageenyaa waliin ta’uun hirmaannaa argisiise cimsee akka itti fufu gaafateera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.