Fana: At a Speed of Life!

Indaastirii Aartii Oromoo guddisuuf hojjetamaa jira -Giddu Gala Aadaa Oromoo

Finfinnee, Eebila 25, 2014 (FBC) – Indaastirii Aartii Oromoo guddisuuf hojjetamaa jiraachuu Giddu Galli Aadaa Oromoo beeksise.
Giddu Galli Aadaa Oromoo dargaggoota ogummaa adda addaa qabaniif leenjii aartii kennaa jira.
Leenjiin kunis Indaastirii Aartii Oromoo guddisuuf murteessaa ta’uu Giddu Gala Aadaa Oromootti Daayreektarri Tiyaatiraa fi Muuziqaa obbo Lateemoo Badhaasoo himaniiru.
Dargaggoota Finfinnee fi Godinaalee naannawwaa Finfinneerraa walitti baba’an 200 oliif leenjiin aartii kanneen akka shubbisaa, tiyaatiraafi diraamaa kennamaa jiraachuu eeraniiru.
Giddu Galli Aadaa Oromoo akkuma kanaan duraa ogeeyyii leenjisuun aadaan, duudhaa fi seenaan sabichaa caalmaa akka muul’atuuf leenjistoota muxannoo qabaniin leenjii kennaa jira jedhan obbo Lateemoon.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.