Fana: At a Speed of Life!

Waajjirri Muummee Ministiraa kutaalee hawaasa harka qalleeyyiif maaddii qoode

Finfinnee, Eebila 25, 2014 (FBC) – Waajjirri Muummee Ministiraa kutaalee hawaasa harka qalleeyyiif maaddii qooduu ibsameera.

Sagantaa maaddii qooduu kanarratti meeshaalee iddoo xiqqoorratti kuduraalee fi muduraalee oomishuuf tajaajilan kennamuu ibsameera.

Kuduraalee mooraa Waajjira Muummee Ministiraa keessatti misoomaa jiran daawwachiisuun bakka xiqqoo fi mooraa dhiphaa keessatti kuduraalee akka qoosxaa, salaaxaa fi raafuu oomishuun akka danda’amu muuxannoon kutaalee hawaasaa kanneeniif qoodamuu Ministir Deetaan Waajjira Muummee Ministiraa aadde Alamtsahaay Phaawuloos ibsuu isaanii ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.