Fana: At a Speed of Life!

Haleellaawwan shororkeessummaa naannawaa Sahilitti raawwataman hammaachaa dhufe- Antooniyoo Guutareez

Finfinnee, Eebila 25, 2014 (FBC) – Haleellaawwan shororkeessummaa naannawaa Sahilitti raawwataman hammaachaa dhufuu Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez ibsan.

Antooniyoo Guutareez biyyoota Lixa Afrikaa 3tti daawwannaa hojii taasisuuf Niijar Niiyaamii galaniiru.

Shororkeessummaan dhimma Afrikaa qofa akka hin taanee fi hawaasa idil addunyaaf rakkoo ta’uu marii preezdaantii Niijar Mohaammad Baazoom waliin taasisaniin ibsaniiru.

Haleellaawwan shororkeessummaa biyyoota garaagaraatti raawwatamaniin lammiileen nagaan hedduun du’uu fi miiliyoononni qa’ee isaaniirraa buqqa’uu eeraniiru.

Haleellaan shororkeessitootaa Afrikaa keessumaa biyyoota naannawaa Saahilitti hammaachaa dhufuu kaasaniiru.

Hawaasni idil addunyaa miidhaa hawaasummaa fi diinagdee shororkeessummaan qaqqabsiisu hubachuun cimsee irratti qabsaa’uu akka qabu dhaamaniiru.

Nageenya amansiisaa naannawichaaf Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii xiyyeeffannoo kennuun kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Naannawicha keessa gareen shororkeessitootaa Bookoo Haraam, IS fi gareewwan finxaaleeyyii biroon kan socho’an ta’uu CGTN gabaasi isaan yaadachiiseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.