Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Sivilii Hawaasaa Federaalaa naannoo Oromiyaatti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona miliyoona 7 taasisan

Finfinnee, Eebila 25, 2014 (FBC) – Dhaabbileen Sivilii  Hawaasaa Federaalaa naannoo Oromiyaatti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 8.5 fi deeggarsa maallaqaa Birrii miiliyoona 7 taasisaniiru.

Deeggarsicha Daayrektarri olaanaan Dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa  Obboo Jimaa Dilboo waajjira preezdaantii bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaatti argamuun Preezdaantii naannichaa Obbo shimallis Abdisaatti laataniiru.

Deeggarsa  taasifameef preezdaantiin bulchiinsa Motummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimalliis Abdisaan galateeffataniiru.

Aadaa walgargaarsaa kan ta’ee fi sirna gadaa keessattii kan argamuu sirna walgargaarsaa Busaa Gonofaatiin birrii biliyoona 4 ol deeggarsa sassabuun danda’aamuu obbo Shimallis yaadachiisaniiru.

Hongee uumamee waaraan dandamachuuf akka naannootti proojektoonni gurguddoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Jamiilaa Jamaaltu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.