Fana: At a Speed of Life!

Oomisha alaa galu kan biyya keessan bakka buusuuf Waliin hojjechuu qabna – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Eebila 25, 2014 (FBC) – Seekteraalee Indaastirii Oomishaa Oromiyaa keessatti  Babal’isuun Oomisha alaa galu kan biyya keessan bakka buusuuf Waliin hojjechuu qabna jedhan Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Waltajjiin sosochii Indaastrii Oomishaa Finfinnee Hoteela Ililliitti mata duree ‘Ityoophiyaan haa oomishtu’ jedhuun qopheessummaa Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa akkasumas Ministeera Indaastirii fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaatiin qophaa’eera.

Sagantaa kana irratti Preezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee,Ministirri Ministeera Indaastirii fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa obbo Malaakuu Aleebal akkasumas Abbootiin qabeenyaa waltajjicha irratti hirmaachaa jiru.

Indaastiriiwwan oomishaa xiqqaa irraa hanga guddaatti oomisha keessa galchuun jijjiirramni damichaan argamaa jiru cimee akka itti fufuuf mootummaan Naannoo Oromiyaa deeggarsa garaagaraa taasisaa jiraachuu obbo Shimallis Abdiisaan himaniiru.

Abbootiin qabeenyaa ammoo carraa kanatti fayyadamuun Oomisha biyya keessaa olguddisuun fedhii biyyaa guutuurra darbanii gara biyya alaatti erguun gabaa idil addunyaa keessatti dorgomaa ta’uuf hojjechuu qabu jedhaniiru.

Dabalataanis Abbootiin qabeenyaa hoji- maata hannaaf karra saaquurra kutannoon hojjetanii tajaajila argachuu qaban qixa sirrii ta’een argachuuf socho’uu akka qaban obbo Shimallis hubachiisaniiru.

Jabaannee yoo hojjenne yeroo gabaabaa keessatti damee indaastiriiwwan oomishaa guddisuun oomisha alaa galu kan biyya keessan bakka buusuuf tattaaffachuu qabna jedhaniiru obbo Shimallis dhaamsa dabarsaniin.

Yaaddesaa Geetaachootu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.