Fana: At a Speed of Life!

Namoonni dhuunfaan hokkora uumuu keessatti adda adureen hirmaatan 76 to’ataman

Finfinnee, Eebila 24, 2014 (FBC) – Namoonni dhuunfaan hokkora uumuu keessatti adda adureen hirmaatan 76 to’atamuu Humni Waloo Nageenyaa beeksisee.

Ayyaana Iid Alfaxiir 1443ffaa bakka nagaan kabajamaa jiruu namoonni muraasni sirna amantaan ala hokkora kaasuun qaamolee nageenyaa fi qabeenyarra miidhaan akka ga’u humni waloo kun ibsa baaseen himeera.

Shakkamtoonni dhimmicha keessatti adda durummaan hirmaatan 76 to’annoo jala ooluu humnich eereera.

Gareen ergama badii fudhachuun hawaasa Musiliimaa Ayyaana Iid Alfaxiir bakka nagaan kabajaa jirutti hokkoraa fi jeequmsa uumuun miidhaa qaqqabsiisan qulqulleessaa jiraachuu Humni Waloo Nageenya Federaalaa ibseera.

Magaalaa Finfinneetti, ayyaanni Iid Al-Faxiir bara Hijiraa 1443ffaan sagantaa bal’aan dabaalame haala nagaan kan raawwatame yoo tahu, namoonni muraasni sirna amantichaan alatti gareewwaniifi kaayyoo hokkoraafi jeequmsaa qaban, sababa jeequmsaaf ka’uumsa hintaaneen Istaadiyeemi alatti baramaan naannoo Muuziyeemi Yaadannoo Wareegamtoota Shoororkaa cinaatti tahuun, jeequmsaafi hokkoora kaasaniin humnoota nageenyaafi qabeenya irratti miidhaan kan dhaqqabee yoo tahu, shakkamtoonni adda duree 76 tahan to’annaa jala olchuu Humni Waloo Nageenyaafi Tiika-Nageenyaa beeksiseera.

Ayyaanicha bifa adda taheen kabajuuf hawaasni Muuslimaa gara iddoo ayyaanichi itti kabajamuutti qajeeluun sirni salaataa akkuma calqabameen hokkorrifi jeequmsi kan uumamee yoo tahuu, Humni Waloo Nageenyaafi Tiika-Nageenyaa sababa isaa qulqulleessaa akka jiruufi bu’aasaas ummataaf ifa kan taasisuu tahuu ibseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.