Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Iid-Alfaxiir waggaa 1443ffaan Magaaloota Naqamtee, Dirree Dawaa fi godina Baaleetti kabajame

Finfinnee, Eebila 24, 2014 (FBC)- Ayyaanni Iid-Alfaxiir waggaa 1443ffaan Magaaloota Naqamtee, Dirree Dawaa fi godina Baaleetti bifa ho’aan kabajameera.

Ayyaannichi Magaalaa Naqamteetti bakka itti aanaan Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii argamanitti kabajameera.

Obbo Awwaluu Abdii, hordoftoota amantaa Islaamaa Magaalaa Naqamtee fi naannoosheetiin baga guyyaa ayyaana Id-Alfaxiir waggaa 1443ffaatiin nagayaan isin gahe  jedhaniiru.

Kana malees, tokkummaa keessoo keessanii eeggachaa jaalala, tokkummaa amantaafi hawaasa biroo waliin qabdan cimsattanii biyya kana ceesisuu qabdu dhaaman obbo Awwaluun.

Bifuma wal fakkatuun magaalaa Dirree Dawaatti ayyaanichi kabajameera.

Akkasumas Ayyaanni Iid Alfaxiir Godina Baalee aanaalee hunda keessatti sirna ho’aan kabajameera.
Ayyaanni kun aanaa Agaarfaatti hordoftoota amantaa Isilaamaatiin sirna ho’aafi karaa nagaan kabajamee xumurameera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.