Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan humnoota nageenya booressuuf socho’aniif obsa hin qabu jedhame

Finfinnee, Eebila 24, 2014 (FBC)- ‘Mootummaan nageenya hawaasaatiif dursa kennee hojjechaa waan jiruuf humnoota nageenya booressuuf socho’aniif obsa hin qabu’ jechuun Mootummaa Naannoo Affaar ibseera.
Amantaa kamuu keessa dhokachuun ajandaa mataa isaanii galmaan ga’achuuf kan yaalanii fi warreen walitti bu’iinsa uumuun faaayidaa irraa buufachuuf sosho’an kamiyyuu mootummaan gonkumaa obsa hin qabu jechuun Mootummaan Naannoo Affaar ibsa baaseen beeksiseera.
Naannichaatti Ayyaanni Iid AlFaxiir nagaan kabajamee kan xumurame yoo ta’u, hawaasni musliimaas, namoota rakkataan gargaaguun, keessattuu lammiilee sababa garee shororkeessaa ABUT’n qe’ee fi qabeenyaa isaanirraa buqqa’an gargaaruun ayyaanicha waliin dabarsaa jirachuu ibseera.
Ummanni kutannoo nageenyaaf qabu qabatamaan mul’isuun namni hundinuu nageenya naannoo isaatiif dursa kennuun eegduu nageenyaa ta’uusaa ifatti agarsiisaa jira.
Humnoota jeequmsa uumuun nageenya booressuun faayidaa siyaasaa argachuuf yaalii gochaa jiran waliin ta’uun ittisuun barbaachisaa ta’uu ibsi kun eereera.
Naannoon kamiyyuu keessatti rakkoon yoo mudate rakkicha babal’isuurra, tasgabb’anii rakkicha furuutu barbaachiisas jedha ibsichi.
Qaamolee ayyaanni Iid AlFaxiir nagaan xumuramuuf gumaachan hunda mootummaan Naannichaa galateeffateera.
Haaluma walfakkatuun Humnoota badii Amantaa dahoo godhachuun biyyaa diiguuf socho’an irratti mootummaan tarkaanfii seeraa ni fudhata jechuun Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuuz ibseera.
Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuuz haala yeroorratti ibsa baaseen humnoota badii Amantaa dahoo godhachuun biyyaa diiguuf socho’an irratti mootummaan tarkaanfii seeraa akka fudhatu beeksiseera.
Humnoonni badii kunneenis amantaafi saba dahoo godhachuun kutaa biyyattii garagaraatti walitti bu’iinsa uumuun faayidaa siyaasaa argachuuf hojjechaa jiraachuu himameera.
Bifuma walfakkatuun naannoo Amaaraas ibsa baaseen humnoota badii Amantaa dahoo godhachuun biyyaa diiguuf socho’an irratti mootummaan tarkaanfii seeraa akka fudhatu beeksiseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.