Fana: At a Speed of Life!

Qindeessummaa shira diinota seenaa fi baandota keessaatiin yaaliin nageenya Ityoophiyaa booreessuu hin milkaa’u-TKM

Finfinnee, Eebila 24, 2014 (FBC)- Qindeessummaa shira diinota seenaa fi baandota keessaatiin yaaliin nageenya Ityoophiyaa  booreessuu hin milkaa’u jechuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa laateen, kutaa biyyatti adda addaatti salaati ayyaana Iid Alfaxiir waggaa 1443ffaan bifa ho’aa ta’een nagaan kabajameera.

Hordoftoonni amantichaa nageenya jaallatu qaamolee nageenyaa waliin ta’uun ayyaanichi bifa tasgabba’ee fi milkaa’een akka gaggeeffamuuf tattaaffiin taasisaan waloon hojjechuun kaka’umsi agarsiisaan hedduun kan dinqisiifatamuu fi jajjabeeffamu ta’u eerameera.

Dinoonni seenaa nageenya Ityoophiyaa booreessuu fi tasgabbii dhabsiisuuf gocha badi adda addaa raawwataa turu ibsameera.

Baandonni keessaa anamtaa dahoo taasifachuun humnoota alaa fi diinota seenaa waliin qindaa’uun hariiroon hawaasummaa akka hin jiraannee taasisuu, biyyatti keessatti nageenyi waaraa akka hin mirkanoofne taasisuu akkasumas tokkummaan hafee diigamuun akka uumamuuf kayyeeffachuun hojjechaa jiru.

Keessaayyu naannoo Amaaraa magaalaa Goondariitti hokkora uumameen walqabsiisee walitti bu’iinsichi gara naannoo Kibbaa magaalaa Waraabee fi naannolee birootti akka babaldhatuuf hokkoraa fi walitti bu’iinsi akka muudatuuf yaalii taasisuun isaanii ni yaadatama.

Bifuma walfakkaatuun gocha badii raawwachuuf har’aas magaalaa Finfinneetti salaata Iid Alfaxiir irratti yaalii taasisaniiru.

Addabaabaayi Masqalaattis miidhaa qabeenyaa fi qaamolee nageenyaarra gaheen alaatti miidhaan qaqqabee tokkollee akka hin jiraanne ibsuun, qaamolee nageenyaa fi hordoftoota  amantichaatin hokkorri yaalame fashalaa’eera.

Salaanni Ayyaana Iid Alfaxiir waggaa 1443ffaan guddichiis karaa naga qabeessaa fi ho’aa ta’een kabajameera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.