Ayyaannni Iid Alfaxiir haala tokkummaa fi jaalala cimsuun kabajamuu qaba – Af-Yaa’ii Caffee Oromiyaa, Aadde Sa’aadaa Abduramaan
Finfinnee, Eebila 24, 2014 (FBC) –Ayyaanni Iid Al-Faxii waggaa 1443ffaan qopheessummaa Daayreektoreetii Dhimmoota Hirmaannaa Diyaaspooraa Waajjira Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaan Finfinnee Hoteela ‘Hayaat Regecy’tti kabajameera.
Ayyaannni kabajamu tibbana bocanii socho’aa jiran cinatti dhiifnee tokkummaa fi jaalala keenya haala cimsuun kabajamuu akka qabu Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abduramaan ibsaniiru.
Baatiin kun hordoftoota amantaa Musliimaa biratti, yeroo soomaa fi sagadaa ta’ee kan beekamuufi baatii araaramaa, qulqullaa’aa fi dhiifamaa ta’uu kan eeran qindeessaan dhimmoota diyaaspooraa fi seekreetariyaat preesii Waajjira Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, obbo Amiin Juundii, Baatii kana keessatti, aadaan walgargaarsaa bifa addaan yeroo itti raawwatamu;harka qalleeyyii deeggaru, aantummaa fi obbolummaa, jaalalaafi kabajni, aadaafi duudhaan hawaasa keenya ganamaa karaa fakkeenyummaa qabuun baatii itti muul’achuu qabudhaa jedhan.
Hoggantoonni Olaanoo Federaalaa,Hoggantoonni Naannoo Oromiyaa,Artiistoonnii fi keessummoonni kabajaa biroo kabaja ayyaanichaarratti argamuusaanii ragaan Waajjira Preezdaantiirraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.