Ayyaanni Iid Alfaxiir waggaa 1443ffaan kabajamaa jira
Finfinnee, Eebila 24, 2014 (FBC) – Ayyaanni Iid Alfaxiir waggaa 1443ffaan hordoftoota Amantaa Islaamaa biratti haala hoo’aa ta’een kabajamaa jira.
Ayyaannich Ityoophiyaa, Saa’uud Arabiyaa, Hind,biyyoota Arabaa garaagaaraa fi guutuu addunyaatti sirnoota adda addaan kabajamaa jira jedhame.
Ityoophiyaatti Ayyaanni Iid Alfaxiir waggaa 1443ffaan Addabaabayii fi sadarkaa maatiitti kabajamaa jira.
Bakka buutoonni dhaabbilee dhimmoota Islaamummaa biyyoota ollaa Salaata guddaa sagantaa waamicha Iid hanga Iidiin walqabatee qophaa’e irratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad lammiileen Ityoophiyaa, dhalattoonnii fi michuuwwaan biyyattii Ayyaana Iid Alfaxiir guddaa Ityoophiyaatti akka kabajan waamicha taasisuun kan yaadatamuudha.
Hawaasni Musiliimaa hojii gaarii Baatii Ramadaanaa keessa raawwachaa turan yeroo itti aanus kan beela’e nyaachisaa, kan daarome uffisaa, kan rakkatan gargaaraa,akkasumas maaddii qooduun gochaa caalmaatti uumuun walitti nufidu raawwachuun barbaachisaa ta’uu Preezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa Dursaa Muftii Hajii Umar Idiriis ergaa dabarsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.